LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 11:31-34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Achiis bubbeen tokko Yihowaa biraa dhufee galaanicha irraa dimbiriqqee* oofee fidee naannoo buufatichaatti akka bubuʼan godhe;+ simbirroonni sun gama tokkoon gara adeemsa guyyaa tokkoo, gama kan biraatiinis gara adeemsa guyyaa tokkoo guutummaa naannoo buufatichaa bubbuʼanii turan; lafa irras gara dhundhuma* lamaa ol tuulamanii turan. 32 Kanaafuu, sabichi guyyaa sana guutuu, halkan sana guutuu fi guyyaa itti aanu guutuu dimbiriqqee sana walitti qabachaa oole. Namni homeerii* kudhanii gad walitti qabate hin jiru ture; isaanis guutummaa naannoo buufatichaatti isaan ni afan. 33 Haa taʼu malee, foonichi alanfatamuu isaa dura, utuma ilkaan isaanii gidduu jiruu aariin Yihowaa sabicha irratti ni bobaʼe; Yihowaanis sabicha gidduudhaa namoota hedduu fixuu jalqabe.+

      34 Isaan namoota fedhii ofittummaa argisiisan+ sana achitti waan awwaalaniif, maqaa iddoo sanaa Qibroot Hataawaa*+ jedhanii moggaasan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi