LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 31:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Kunoo, ati duʼuuf* jetta; sabni kun biyya dhaqaa jiru keessatti waaqolii ormaa warra naannoo isaatti argamanii wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuu ni jalqaba.+ Isaan na dhiisu,+ kakuu ani isaanii wajjin gales ni cabsu.+

  • Keessa Deebii 32:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Yeshuurun* yeroo gabbatetti, fincilee gooftaa isaa dhiite.

      Ati ni gabbatte, ni furdatte, ni bokoktes.+

      Kanaafuu, inni Waaqa isa tolche sana ni dhiise,+

      Qarsaa fayyina isaatiis ni tuffate.

  • Abbootii Murtii 2:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Kanaafuu, Israaʼelonni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwatan; Baʼaaliinis ni tajaajilan.*+

  • 2 Saamuʼel 20:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Yeroo kanatti ilma Bikrii kan taʼe, namni rakkisaan Sheebaa+ jedhamu tokko jira ture; inni nama gosa Biiniyaam ture. Inni xurumbaa afuufee,+ “Nuti Daawit biraa qooda hin qabnu; ilma Issey biraas dhaala hin qabnu.+ Yaa Israaʼel, tokkoon tokkoon kee gara waaqa waaqa* keetti deebiʼi!” jedhe.+

  • Nahimiyaa 9:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 “Haa taʼu malee, isaan siif ajajamuu didan; si irratti fincila kaasan;+ Seera kee irrattis dugda isaanii ni garagalchan.* Raajota kee warra gara keetti akka deebiʼan isaan akeekkachiisaa turan ni ajjeesan; gochawwan tuffii guddaa argisiisanis ni raawwatan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi