-
Ermiyaas 7:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Kanaa mannaa, ajaja kanan isaaniif kenne: “Sagalee kootiif ajajamaa, anis Waaqa keessan nan taʼa, isinis saba koo ni taatu.+ Gaarii akka isiniif taʼuuf, daandii ani ajaje kana hundumaa irra deemaa.”’+ 24 Isaan garuu hin dhageenye yookiin gurra hin kennine;+ kanaa mannaa, didaa taʼanii garaa isaanii isa hamaa hordofuudhaan yaada* mataa isaaniitiin deeman;+ isaan fuulduratti deemuu mannaa duubatti deebiʼan;
-
-
Ermiyaas 11:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Guyyaan biyya Gibxii keessaa isaan baase irraa jalqabee hamma harʼaatti irra deddeebiʼee,* “Sagalee kootiif ajajamaa” jedhee abbootii keessan cimsee akeekkachiiseera.+ 8 Isaan garuu hin dhageenye yookiin gurra isaanii natti hin qabne; kanaa mannaa, tokkoon tokkoon isaanii didaa taʼuudhaan garaa isaanii isa hamaa duukaa buʼuu isaanii itti fufan.+ Kanaafuu, dubbii kakuu isan akka raawwatan isaan ajajee fi isaan raawwachuu didan kana hundumaa isaan irratti nan fide.’”
-
-
Miikiyaas 6:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Sababiin isaas, ati dambiiwwan Omrii fi gocha mana Ahaab hundumaa ni hordofta,+
Akka gorsa isaaniittis ni deddeebita.
-