-
1 Mootota 16:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Omriin wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe; warra isa dura turan hunda caalaas wanta hamaa taʼe ni hojjete.+
-
-
1 Mootota 16:30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Ahaab ilmi Omrii Yihowaa duratti wanta warra isa dura turan hunda caalaa hammaatu ni raawwate.+
-
-
2 Mootota 16:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Akaaz yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+ 3 Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deeme;+ gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilma isaa illee ibiddaan ni gube.*+
-