LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 16:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Omriin wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe; warra isa dura turan hunda caalaas wanta hamaa taʼe ni hojjete.+

  • 1 Mootota 16:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Ahaab ilmi Omrii Yihowaa duratti wanta warra isa dura turan hunda caalaa hammaatu ni raawwate.+

  • 2 Mootota 16:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Akaaz yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+ 3 Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deeme;+ gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilma isaa illee ibiddaan ni gube.*+

  • 2 Mootota 21:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Minaaseen+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 12 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 55f ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture.

  • 2 Mootota 21:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Iddoowwan ol kaʼoo abbaan isaa Hisqiyaas balleesse deebisee ni ijaare;+ akkasumas akkuma Ahaab mootiin Israaʼel godhe,+ Baʼaaliif iddoowwan aarsaa ni dhaabe; utubaa waaqeffannaas* ni hojjete.+ Guutummaa raayyaa samiitiif ni sagade; isaaniinis ni tajaajile.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi