2 Seenaa Baraa 16:9 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 9 Eeyyee, warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef*+ jabina isaa argisiisuuf,* ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala.+ Ati gama kanaan gocha gowwummaa raawwatteetta; ammaa jalqabee waraanni si irratti ni banama.”+ Faarfannaa 33:13-15 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 13 Yihowaan samii irraa gad ni ilaala;Ilmaan namootaa hundumaas ni arga.+ 14 Bakka jireenyaa isaatiiJiraattota lafa irraa ni arga. 15 Garaa namoota hundumaa kan tolchu isa dha;Inni hojiiwwan isaanii hundumaa ni qora.+ Ibroota 11:6 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 6 Dabalataanis, amantii malee akka gaariitti Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas, namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu+ amanuu qaba.
9 Eeyyee, warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef*+ jabina isaa argisiisuuf,* ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala.+ Ati gama kanaan gocha gowwummaa raawwatteetta; ammaa jalqabee waraanni si irratti ni banama.”+
13 Yihowaan samii irraa gad ni ilaala;Ilmaan namootaa hundumaas ni arga.+ 14 Bakka jireenyaa isaatiiJiraattota lafa irraa ni arga. 15 Garaa namoota hundumaa kan tolchu isa dha;Inni hojiiwwan isaanii hundumaa ni qora.+
6 Dabalataanis, amantii malee akka gaariitti Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas, namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu+ amanuu qaba.