-
Faarfannaa 37:35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Ani namni gara jabeessi hamaa taʼe
Akka muka lalisaa biyyoo isaa irra dhaabameetti dagaagee nan arge.+
-
-
Faarfannaa 37:38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Warri balleessaa raawwatan hundi garuu ni balleeffamu;
Egereen namoota hamoos badiisa taʼa.+
-
-
Ermiyaas 12:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Yaa Yihowaa, yommuun komii koo sitti dhiheeffadhu,
Yommuun waaʼee dhimma haqaa sitti dubbadhu ati qajeelaa dha.+
Garuu daandiin hamootaa milkaaʼina kan argatu,+
Gantoonnis yaaddoo malee kan jiraatan maaliifi?
2 Ati isaan ni dhaabde, isaanis hidda godhatan.
Guddataniis firii godhatan.
Isaan yeroo hunda waaʼee kee ni dubbatu, yaanni keessa isaanii jiru* garuu si irraa fagoo dha.+
3 Yaa Yihowaa, ati garuu akka gaariitti na beekta,+ na argitas;
Ati garaa koo qortee sii wajjin tokkummaa akka qabu hubatteetta.+
Akkuma hoolota qalamuuf jedhaniitti kophaatti isaan baasi,
Guyyaa ajjeechaatiifis adda isaan baasi.
-