-
Lakkoofsa 10:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Kana malees, waqtiilee gammachuu keessaniitti,+ jechuunis yeroo ayyaanota keessaniittii+ fi jalqaba jiʼoottan keessaniitti, aarsaawwan keessan warra gubaman irrattii+ fi aarsaawwan gamtaa+ keessan irratti sagalee malakataa dhageessisaa; isaanis Waaqa keessan duratti yaadannoo isiniif ni taʼu. Ani Waaqa keessan Yihowaa dha.”+
-
-
2 Seenaa Baraa 29:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Achiis Hisqiyaas aarsaan gubamu iddoo aarsaa irratti akka dhihaatu ajaje.+ Aarsaan gubamu dhihaachuu yeroo jalqabuttis, faarfannaan Yihowaa ni jalqabe; meeshaawwan muuziqaa ilaalchisee qajeelfama Daawit inni mootii Israaʼel taʼe kenne hordofuudhaanis malakanni ni afuufame.
-