-
2 Seenaa Baraa 5:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 faarfattoonni Leewwotaa+ warri kan Asaaf,+ kan Hemaan,+ kan Yedutuun,+ akkasumas kan ilmaan isaanii fi kan obboloota isaanii taʼan hundi huccuu baʼeessa uffatanii, siimbaalii,* meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii fi baganaa qabatanii turan; isaan iddoo aarsaa irraa gara bahaatti dhaabbatanii turan; isaanii wajjinis luboonni malakata afuufan 120ni jiru turan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 7:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Akkuma Leewwota meeshaa muuziqaa faarfannaa Yihowaa ittiin deggeran qabatan sanaatti, luboonnis bakka hojii isaanii akka hojjetan itti ramadaman dhaabbatanii turan.+ (Daawit Mootichi meeshaawwan muuziqaa kana kan hojjete, yommuu isaanii* wajjin taʼee isa jajatutti, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jechuudhaan Yihowaa galateeffachuuf ture.) Israaʼelonni hundi dhaabbatanii utuu jiranii, luboonni isaan duratti guddisanii malakata afuufu turan.+
-