-
Uumama 1:29, 30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Achiis Waaqayyo akkana jedhe: “Kunoo, ani biqiltuu sanyii godhatuu fi guutummaa lafaa irratti argamu hundumaa, akkasumas muka firii sanyii qabu godhatu hundumaa isiniif kenneera. Isaan nyaata isiniif haa taʼan.+ 30 Ani bineensa bosonaa hundumaatiif, uumamawwan samii irra barrisan hundumaatii fi uumamawwan jiraatoo lafa irra sochoʼan hundumaatiif soorata akka taʼuuf biqiltuu lalisaa taʼe hundumaa kenneera.”+ Akkuma kanas ni taʼe.
-