LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 17:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Biyya nama biyya ormaa taatee keessa jiraatte,+ jechuunis guutummaa biyya Kanaʼaan sii fi sanyii kee warra si booda dhufaniif dhaala dhaabbataa taʼe godhee nan kenna; Waaqa isaaniis nan taʼa.”+

  • Uumama 23:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 “Ani isin gidduutti nama biyya ormaa fi qubataa dha.+ Reeffa koo akkan awwaalladhuuf isin gidduutti lafa bakka awwaalchaatiif taʼu naa kennaa.”

  • 1 Seenaa Baraa 16:19-22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Kanas kan dubbate yeroo lakkoofsi keessan xinnoo turetti,

      Eeyyee, yeroo baayʼee xinnoo turettii fi yeroo isin biyyattii keessatti namoota biyya ormaa turtanitti dha.+

      20 Isaan saba tokko irraa gara saba kaaniitti,

      Mootummaa tokko irraas gara uummata kaaniitti jooran.+

      21 Inni namni kam iyyuu akka isaan cunqursu hin heyyamne;+

      Kanaa mannaa, isaaniif jedhee mootota ni akeekkachiise;+

      22 ‘Warra ani dibe hin tuqinaa;

      Raajota koo irrattis wanta hamaa tokko illee hin raawwatinaa’ jedhe.+

  • Hojii Ergamootaa 7:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis inni biyya Kaladootaa keessaa baʼee, Kaaraan keessa jiraachuu jalqabe. Erga abbaan isaa duʼee booda+ immoo, Waaqayyo achii isa kaasee bakka isin amma jiraattan kanatti isa galche.+ 5 Taʼus, iddoo kanatti lafa hamma faana miilaa gaʼu illee dhaala godhee isaaf hin kennine; yeroo kanatti inni dhala kan hin godhanne taʼus, isaa fi isa booda immoo sanyii isaatiif dhaala akka kennu waadaa isaaf gale.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi