Faarfannaa 18:36 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 36 Daandii tarkaanfii kootii naaf balʼista;Miilli* koos hin mucucaatu.+ Faarfannaa 94:18 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 18 “Miilli koo ni mucucaate” yommuun jedhetti,Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan na deggere.+ Faarfannaa 119:133 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 133 Dubbii keetiin tarkaanfii koo nagaadhaan qajeelchi;*Wanti hamaan akkamii iyyuu na hin moʼin.+ Faarfannaa 121:3 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 Inni matumaa miilli kee akka mucucaatu* hin heyyamu.+ Inni si eegu matumaa hin mugu.