-
Faarfannaa 55:12-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Kan natti qoosu diina miti;+
Utuu akkana taʼee silaa nan dandaʼan ture.
Kan na irratti kaʼe hamajaajii miti;
Utuu akkana taʼee silaa isa jalaa nan dhokadhan ture.
13 Kanaa mannaa, kan na irratti kaʼe siʼi, nama akka kootii,*+
Hiriyaa koo isan akka gaariitti beeku dha.+
14 Nuti michummaa cimaa qabna turre;
Namoota hedduu wajjin taanee gara mana Waaqayyoo ni deemna turre.
-