-
1 Qorontos 3:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Sababiin isaas, buʼuura isa kaaʼame, jechuunis Yesuus Kiristoosiin alatti namni kam iyyuu buʼuura kan biraa kaaʼuu hin dandaʼu.+
-
-
1 Pheexiros 2:4-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Sababiin isaas, isin dhagaa isa jiraataa sanatti dhihaattaniittu; namoonni kan isa tuffatan taʼus,+ Waaqayyo isa filateera, isa durattis gatii guddaa qaba;+ 5 isinis akka dhagoota jiraatootti luboota qulqulluu taʼuuf gara mana hafuuraatti ijaaramaa jirtu;+ kunis karaa Yesuus Kiristoos aarsaa hafuuraa+ Waaqayyo duratti fudhatama qabu akka dhiheessitaniifi.+ 6 Kitaabota Qulqulluu keessatti, “Kunoo, ani Xiyoon keessa dhagaa filatamaa, dhagaa golee buʼuuraa gatii guddaa qabu nan kaaʼa; namni isatti amanu kam iyyuu matumaa hin qaanaʼu”*+ jedhameera.
7 Kanaafuu, isin waan amantaniif, inni isiniif gatii guddaa qaba; warra hin amanneef garuu, “dhagaan ijaartonni tuffatan,+ dhagaa golee isa hunda caalu* taʼe”;+
-