LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 43:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Ifa kee fi dhugaa kee ergi.+

      Isaan na haa geggeessan;+

      Gara gaara kee isa qulqulluutti, gara godoo qulqulluu kee isa guddaattis na haa qajeelchan.+

  • Fakkeenya 6:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Sababiin isaas, ajajni kun ibsaa dha,+

      Seerichis ifa dha,+

      Adabni sirreeffama argamsiisu daandii gara jireenyaatti geessu dha.+

  • Isaayyaas 51:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Yaa uummata koo, xiyyeeffannaadhaan na dhagaʼi,

      Yaa saba koo, gurra kee natti qabi.+

      Sababiin isaas, seerri na keessaa ni baʼa,+

      Haqa koos sabootaaf akka ifaatti nan hundeessa.+

  • Roomaa 15:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Jabaannee dhaabbachuu keenyaan,+ akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf,+ wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman.+

  • 2 Ximotewos 3:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman+ yeroo taʼu, barsiisuuf,+ balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf* fayyadu;+ 17 kunis namni Waaqaa hojii gaarii hundumaatiif akka gaariitti hidhachuudhaan guutummaatti kan qophaaʼe akka taʼuufi.

  • 2 Pheexiros 1:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Kanaafuu, nuti dubbii raajii caalaatti mirkanaaʼaa taʼe qabna; isinis akka ibsaa+ iddoo dukkanaa keessatti (hanga lafti bariʼee bakkalchi+ baʼutti), garaa keessan keessatti ifuutti dubbii raajii kanaaf xiyyeeffannaa kennuun keessan gaarii dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi