LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 24:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Ammas kunoo, yaa abbaa koo, fiixeen uffata keetii na harka akka jiru ilaali; fiixee uffata keetii yommuun kutu si ajjeesuu nan dandaʼan ture; ani garuu si hin ajjeesne. Ani si miidhuufis taʼe si irratti fincila kaasuuf akkan hin yaanne, kunoo amma ilaaluu fi hubachuu dandeessa; ati lubbuu koo balleessuuf na adamsaa+ kan jirtu taʼus, ani si irratti cubbuu hin hojjenne.+

  • 2 Saamuʼel 22:21-25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Yihowaan akka qajeelummaa kootti na kiisa;+

      Akka qulqullummaa harka koottis naaf deebisa.+

      22 Ani daandiiwwan Yihowaa eegeera,

      Waaqa koo dhiisuudhaanis hammina hin raawwanne.

      23 Murtiiwwan+ isaa hundi fuula koo dura jiru;

      Dambiiwwan isaa irraas hin jalʼadhu.+

      24 Isa duratti balleessaa malee+ nan jiraadha,

      Dogoggora irraas of nan eega.+

      25 Yihowaan akka qajeelummaa kootti,+

      Akkuman isa duratti qulqulluu taʼettis naaf haa deebisu.+

  • Faarfannaa 24:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Gara gaara Yihowaatti kan ol baʼu eenyu?+

      Iddoo qulqulluu isaa keessa kan dhaabbatu hoo eenyu?

       4 Nama harki isaa yakka hin raawwannee fi garaan isaa qulqulluu taʼe,+

      Nama lubbuu kootiin* sobaan hin kakanne,

      Akkasumas nama gowwoomsaadhaan hin kakanne dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi