-
1 Saamuʼel 25:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Yommuu namni tokko si ariʼachuu fi lubbuu kee barbaaduuf kaʼutti, lubbuun gooftaa kootii korojoo jireenyaa keessatti of eeggannoodhaan maramee Waaqa kee Yihowaa bira ni taaʼa; haa taʼu malee, Waaqayyo lubbuu diinota keetii akka dhagaa furrisa keessaa darbatamuutti ni furrisa.
-
-
1 Saamuʼel 26:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Daawit garuu Abishaayiin, “Ati isa hin miidhin; ofii, namni isa Yihowaan dibe+ irratti harka isaa kaasee, yakka irraa walaba taʼuu dandaʼu jiraa?”+ jedhe. 10 Daawitis itti fufuudhaan akkana jedhe: “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, Yihowaan isa ajjeesa+ yookiin guyyaan isaa gaʼee duʼa+ yookiin gara dirree waraanaatti gad buʼee duʼa.+
-