- 
	                        
            
            1 Saamuʼel 17:45, 46Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
45 Daawitis Filisxeemichaan akkana jedhe: “Ati goraadee, eeboo fi bodee+ qabattee natti dhufta; ani garuu maqaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa,+ Waaqa loltoota Israaʼel isa ati arrabsite* sanaatiin+ sitti nan dhufa. 46 Harʼa Yihowaan harka kootti dabarsee si kenna;+ anis si ajjeesee mataa kee si irraa nan mura; guyyaa kanattis reeffa raayyaa Filisxeemotaa allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaatiif nan kenna; namoonni lafa irra jiran hundis Israaʼel keessa Waaqni akka jiru ni beeku.+
 
 -