-
Faarfannaa 18:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Nama amanamaa taʼeef amanamaa ni taata,+
Nama balleessaa hin qabneefis balleessaa kan hin qabne taʼuu kee ni argisiista;+
-
Mulʼata 15:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Isaan akkana jedhanii faarfannaa Musee+ garbicha Waaqayyoo fi faarfannaa Hoolichaa+ faarfatu turan:
“Yaa Waaqa keenya Yihowaa* isa Hundumaa Dandeessuu,+ hojiiwwan kee guguddaa fi dinqisiisoo dha.+ Yaa Mootii bara baraa,+ daandiiwwan kee qajeeloo fi dhugaa dha.+ 4 Yaa Yihowaa,* ati qofti amanamaa waan taateef,+ dhuguma kan si hin sodaannee fi maqaa keetiif ulfina hin kennine eenyu? Labsiiwwan kee warri qajeeloon waan mulʼifamaniif, saboonni hundi dhufanii si duratti waaqeffatu.”+
-
-
-