31 Warra gargaarsa argachuuf gara Gibxiitti gad buʼaniif,+
Warra fardeenitti abdataniif,+
Warra gaariiwwan fardaa hedduu taʼanitti,
Fardeen waraanaa ciccimoo taʼanittis amanamaniif wayyoo.
Haa taʼu malee, isaan Isa Qulqulluu kan Israaʼel hin eeggatan,
Akkasumas Yihowaa hin barbaaddatan.