LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 15:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Yihowaan loltuu humna qabeessa taʼe dha.+ Maqaan isaa Yihowaa dha.+

  • 1 Saamuʼel 17:47
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 47 Namoonni asitti walitti qabaman hundi* Yihowaan kan oolchu goraadeedhaan yookiin eeboodhaan akka hin taane ni beeku;+ lolli kun kan Yihowaa waan taʼeef,+ inni hunduma keessan harka keenyatti dabarsee ni kenna.”+

  • 2 Seenaa Baraa 20:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Innis akkana jedhe: “Isin namoonni Yihudaa hundi, isin jiraattonni Yerusaalemii fi Yoshaafaax Mootichis dhagaʼaa! Yihowaan akkana isiniin jedha, ‘Lolli kun kan Waaqayyoo ti malee kan keessan waan hin taaneef, sababii namoota hedduu kanaatiin hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+

  • Isaayyaas 42:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yihowaan akka nama jabaatti gad ni baʼa.+

      Akka loltuutti hinaaffaa isaa ni dammaqsa.+

      Inni ni iyya, eeyyee, iyya waraanaa ni dhageessisa;

      Diinota isaa caalaa jabaa taʼuu isaas ni argisiisa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi