-
Baʼuu 14:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Achiis maleekaan Waaqa dhugaa+ inni buufata Israaʼel dura deemaa ture sun achii kaʼee gara duuba isaanii dhaqe; utubaan duumessichaa inni isaan dura ture sunis gara duubaa deemee isaan duuba dhaabbate.+ 20 Kanaafuu, utubaan duumessaa sun buufata warra Gibxii fi buufata Israaʼelotaa gidduu ni taʼe.+ Duumessi sun karaa isa tokkoon dukkana taʼee ture; karaa kan biraatiin immoo halkan ifni akka jiraatu godhee ture.+ Kanaafuu, halkan sana guutuu buufanni inni tokko gara buufata isa kan biraatti hin dhihaanne.
-
-
Isaayyaas 37:36Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
36 Maleekaan Yihowaa tokkos gad baʼee buufata Asoorotaa keessatti namoota 185,000 ni ajjeese. Namoonnis ganama barii yommuu kaʼan, reeffawwan sana hundumaa ni argan.+
-