-
Mulʼata 21:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yeroo kanatti sagalee guddaan tokko teessoo sana irraa akkana yommuu jedhu nan dhagaʼe: “Kunoo, dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira; inni isaanii wajjin ni jiraata; isaanis saba isaa ni taʼu. Waaqayyos ofuma isaatii isaanii wajjin ni taʼa.+ 4 Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa;+ duutis kana booda hin jiraatu;+ gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.+ Wantoonni duraa sun darbaniiru.”
-