LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 31:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Gara biyya ani abbootii isaaniitiif kakadhetti,+ jechuunis gara biyya aannanii fi damma maddisiistutti+ yommuun isaan fidu, isaan nyaatanii quufanii badhaadhota* yommuu taʼan,+ gara waaqolii kan birootti ni garagalu, isaaniinis ni tajaajilu; ana garuu ni tuffatu, kakuu koos ni cabsu.+

  • Ermiyaas 7:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 ‘Kun* mana qulqullummaa Yihowaa ti, mana qulqullummaa Yihowaa ti, mana qulqullummaa Yihowaa ti!’ jechuudhaan dubbii gowwoomsaatti hin amanaminaa.+

  • Maatewos 7:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Guyyaa sanatti namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa,+ nuti maqaa keetiin raajii hin dubbannee? Maqaa keetiin jinniiwwan hin baasnee? Akkasumas maqaa keetiin+ dinqiiwwan hedduu hin raawwannee?’ naan jedhu. 23 Yeroo sanatti ani immoo, ‘Ani matumaa isin hin beeku! Isin warri hammina hojjettan nana, na biraa deemaa!’ isaaniin nan jedha.+

  • Roomaa 2:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 maarree, ati inni nama kan biraa barsiistu, of hin barsiistuu?+ Ati inni, “Hin hatin”+ jettee lallabdu, ni hattaa?

  • Ibroota 8:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 ‘Kunis akka kakuu isa yeroon biyya Gibxiitii isaan baasuuf+ harka isaanii qabetti abbootii isaanii wajjin gale sanaa miti; sababiin isaas, isaan kakuu kootti jabaatanii hin dhaabbanne; kanaafuu, anis isaaniif yaaduu nan dhiise’ jedha Yihowaan.*

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi