9 Mana kana keessatti namni ana irra caalu hin jiru; wanta hundumaa naaf kenneera; inni anaaf kan hin kennine si qofa; sababiin isaas, ati haadha manaa isaa ti. Maarree, ani badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo irrattis akkamittan cubbuu hojjedha?”+