LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 2:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Kanaafuu, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana;* isaan foon tokko taʼu.+

  • Uumama 20:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Boodas Waaqayyo halkan keessa abjuudhaan gara Abimelek dhufee, “Ishiin kan heerumtee fi kan nama kan biraa waan taateef,+ sababii dubartii fudhatte sanaatiin ati ni duuta”+ isaan jedhe.

  • Uumama 20:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Achiis Waaqni dhugaan abjuudhaan akkana isaan jedhe: “Ati garaa qajeelaadhaan kana akka goote nan beeka; kanaafuu, ana irratti cubbuu akka hin hojjenneef si dhowweera. Ati ishii akka tuqxu kanan siif hin heyyamne kanaafi.

  • Faarfannaa 51:ibsa jalqaba boqonnaarra jiru
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit isa inni erga Baat Sheebaa+ wajjin saalqunnamtii raawwatee booda yommuu Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate.

  • Faarfannaa 51:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Ani hundumaa caalaa si irratti,* eeyyee, si irratti cubbuu hojjedheera;+

      Wanta si duratti hamaa taʼes raawwadheera.+

      Kanaafuu, ati yeroo dubbattu qajeelaa dha,

      Murtiiwwan kees sirrii dha.+

  • Maarqos 10:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa;+ 8 lamaan isaanii foon tokko taʼu’;+ kanaafuu, isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti.

  • Ibroota 13:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu;+ sababiin isaas, Waaqayyo namoota halalee* fi ejjitoota taʼanitti ni murteessa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi