Keessa Deebii 6:6, 7 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 6 Dubbiin ani harʼa si ajaju kun garaa kee keessa haa taaʼu; 7 isaaniinis garaa ijoollee keetii keessatti boci;*+ yommuu mana kee keessa teessu, yommuu karaa irra deemtu, yommuu ciistuu fi yommuu kaatu waaʼee isaanii dubbadhu.+ Efesoon 6:4 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 4 Isin abbootiin, ijoollee keessan hin aarsinaa;+ kanaa mannaa, adabaa+ fi gorsa* Yihowaatiin*+ isaan guddisaa. Ibroota 12:9 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 9 Kana malees, abbootiin keenya* nu adabu turan, nutis isaan kabajna turre. Maarree Abbaa isa hafuura qulqulluudhaan jireenya keenya geggeessuuf fedhiidhaan bitamuudhaan jiraachuun keenya caalaatti barbaachisaa mitii?+
6 Dubbiin ani harʼa si ajaju kun garaa kee keessa haa taaʼu; 7 isaaniinis garaa ijoollee keetii keessatti boci;*+ yommuu mana kee keessa teessu, yommuu karaa irra deemtu, yommuu ciistuu fi yommuu kaatu waaʼee isaanii dubbadhu.+
4 Isin abbootiin, ijoollee keessan hin aarsinaa;+ kanaa mannaa, adabaa+ fi gorsa* Yihowaatiin*+ isaan guddisaa.
9 Kana malees, abbootiin keenya* nu adabu turan, nutis isaan kabajna turre. Maarree Abbaa isa hafuura qulqulluudhaan jireenya keenya geggeessuuf fedhiidhaan bitamuudhaan jiraachuun keenya caalaatti barbaachisaa mitii?+