-
Asteer 7:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yeroo kanatti abbootii taayitaa mana mootummaa mootichaa keessaa tokko kan taʼe Harboonaan,+ “Haamaan Mordekaay+ isa wanta lubbuu mootichaa oolche+ dubbate sanaafis jirma inni irratti fannifamu qopheesseera. Jirmichi dhundhuma 50* kan dheeratu yeroo taʼu, mana Haamaan bira dhaabamee jira” jedhe. Yeroo kanatti mootichi, “Achi irratti isa fannisaa” jedhe.
-
-
Fakkeenya 21:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Namni hamaan furii nama qajeelaa ti,
Namni gantuu taʼes bakka nama qajeelaa ni fudhatama.+
-
-
Daaniʼel 6:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Mootichis baayʼee gammade; Daaniʼeliin boollicha keessaa akka baasanis ni ajaje. Daaniʼelis boollicha keessaa ni baafame; inni Waaqa isaa amanatee waan tureef, miidhaan tokko illee isa irra hin geenye.+
24 Achiis mootichi ajaja ni kenne; namoonni Daaniʼeliin himatan* sun fidamanii ilmaanii fi haadhotii manaa isaanii wajjin boolla leencotaa keessatti darbataman. Leenconni sunis boollicha keessatti utuu isaan lafa hin gaʼin isaan qolatanii lafee isaanii hundumaa caccabsan.+
-