-
1 Saamuʼel 25:39Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
39 Daawit Naabaal akka duʼe yommuu dhagaʼu, “Yihowaan inni arrabsoo Naabaal+ irraa na irra gaʼeef naaf falmee+ fi ani tajaajilaan isaa wanta hamaa akkamii iyyuu akkan hin raawwanne na eege+ haa jajamu; Yihowaan hammina Naabaal mataa isaa irratti deebiseera!” jedhe. Achiis Daawit Abigaayil haadha manaa isaa akka taatu gaafachuuf dhaamsa ishiitti ergate.
-
-
1 Pheexiros 3:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Miidhaginni keessan alaan kan mulʼatu, jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu fi faaya warqii naqachuudhaan yookiin uffata baʼeessa uffachuudhaan akka taʼu hin godhinaa;+ 4 kanaa mannaa, miidhaginni keessan keessa namummaa keessan isa dhokataa, isa hin mancaane kan mulʼisu haa taʼu; tasgabbii fi garraamummaadhaan of miidhagsaa;+ Waaqayyo kanaaf iddoo guddaa kenna.
-