-
1 Qorontos 9:20-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Yihudoota gargaaruuf, Yihudootaaf akka Yihudiin taʼe;+ ani yoon seera jala taʼuu baadhe illee, warra seera jala jiran gargaaruuf, warra seera jala jiraniif akka nama seera jala jiruun taʼe.+ 21 Ani Waaqayyo duratti seera malee kanan hin jiraannee fi Kiristoos duratti seera jala kanan jiru yoon taʼe iyyuu, warra seera hin qabne gargaaruuf, warra seera hin qabneef akka nama seera hin qabneen taʼe.+ 22 Warra dadhaboo taʼan gargaaruuf, warra dadhaboo taʼaniif dadhabaan taʼe.+ Hamma naaf dandaʼame namoota muraasa oolchuuf, akaakuu namootaa hundumaatiif waan hundumaa nan taʼe.
-