-
Nahimiyaa 5:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Achiis, “Nuti hamma nuuf dandaʼametti Yihudoota obboloota keenya taʼan warra sabootatti gurguramanii turan deebisnee binnee turre; maarree, isin amma obbolootuma keessan ni gurgurtuu?+ Isaan deebiʼanii nutti gurguramuu qabuu?” jedheen isaanitti dubbadhe. Yeroo kanatti isaan wanta dubbatan dhabanii callisan. 9 Achiis akkana isaaniin nan jedhe: “Wanti isin gochaa jirtan kun gaarii miti. Saboonni warri diinota keenya taʼan akka nu hin arrabsinetti Waaqa keenya sodaattanii+ deddeebiʼuu hin qabdanii?
-