-
Keessa Deebii 15:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 “Magaalota kee warra biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti argaman keessaa isa tokko keessatti obboloota kee keessaa inni tokko si gidduutti hiyyeessa yoo taʼe, obboleessa kee isa hiyyeessa taʼe sanatti garaa hin jabaatin yookiin harka kee isaaf diriirsuu irraa duubatti hin jedhin.+ 8 Kanaa mannaa, arjummaadhaan harka kee isaaf bani;+ hamma dandaʼametti wanta isa barbaachisu yookiin wanta isatti hirʼate isaaf liqeessi.*
-
-
Ermiyaas 34:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Zedeeqiyaan Mootichi bilisummaa isaaniif labsuuf+ namoota Yerusaalem keessa jiraatan hundumaa wajjin erga kakuu galee booda dubbiin Yihowaa gara Ermiyaas ni dhufe; 9 labsiin kunis, namni tokko illee nama Yihudii taʼe garboomfatee akka itti hin fufneef, namoonni hundi, dhiiras taʼe dubartii garboota isaanii warra Ibroota taʼan bilisa baasuu akka qaban kan ibsu ture.
-