-
Ruut 1:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Ruut garuu akkana jette: “Akkan si dhiisus taʼe, sii wajjin deemuu dhiisee akkan deebiʼu na hin kadhatin; bakka ati dhaqxu anis nan dhaqa, bakka ati bultu anis nan bula. Sabni kee saba koo, Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa.+ 17 Bakka ati duututti anis nan duʼa; achittis nan awwaalama. Duʼa malee anaa fi siin kan gargar baasu yoo jiraate, Yihowaan adaba guddaa na haa adabu.”
-
-
1 Saamuʼel 19:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Yonaataan ilmi Saaʼol Daawitiin baayʼee waan jaallatuuf+ akkana jedhee Daawititti hime: “Abbaan koo Saaʼol si ajjeesuu barbaada. Maaloo, boru ganama of eeggadhu; bakka hin mulʼanne tokko dhaqiitii dhokadhuu achuma turi.
-