-
Uumama 9:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Noh qonnaan bulaa taʼe; muka wayiniis ni dhaabe. 21 Gaaf tokko Noh daadhii wayinii dhugee machaaʼe; achiis dunkaana isaa keessatti qullaa isaa taʼe.
-
-
Fakkeenya 23:29-35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Wayyoon eenyuufi? Dhiphinni eenyuufi?
Lolli eenyuufi? Komachuun eenyuufi?
Sababa malee madaaʼuun eenyuufi? Ijji diimachuun* eenyuufi?
30 Warra daadhii wayinii dhuguu irratti yeroo dheeraa dabarsaniif,+
Warra daadhii wayinii makamaa barbaaddataniif* mitii?
31 Yommuu xoofoo keessatti calaqqisuu fi suuta jedhee gad seenutti,
Gara daadhii wayinii isa diimaa taʼee hin ilaalin,
32 Sababiin isaas, dhuma irratti inni akkuma bofaatti nama hidda,
Akkuma buutiittis summii maddisiisa.
33 Ijji kee wanta keessummaa taʼe ni ilaala,
Garaan kees wanta jalʼaa ni dubbata.+
34 Akkuma nama galaana gidduu ciisee,
Akkuma nama fiixee utubaa doonii irra ciisees ni taata.
35 Achiis, “Isaan na rukutaniiru, garuu natti hin dhagaʼamne.*
Na reebaniiru, garuu ani hin hubanne.
Yooman dammaqa?+
Dhugaatii kan biraas nan barbaada”* jetta.
-