-
Uumama 19:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Kanaafuu, Waaqayyo yeroo magaalota koonyaa sanaa balleessetti, magaalota Loox keessa jiraachaa turee fi garagalche sana keessaa Looxiin baasuudhaan Abrahaamiin ni yaadate.+
-
-
Faarfannaa 37:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Hamoonni garuu ni badu;+
Diinonni Yihowaa akkuma iddoo dheedichaa ulfina qabeessa taʼeetti ni badu,
Isaan akkuma aaraatti ni badu.
-
-
2 Pheexiros 3:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Namoonni kun dhugaa kana, jechuunis bara duriitti samiiwwan akka turan, akkasumas dubbii Waaqayyootiin lafti bishaan keessaa ol baatee jabaattee akka dhaabbattee fi bishaan gidduu akka turte+ taʼe jedhanii fudhachuu didu; 6 wantoota kanaan addunyaan yeroo sana ture bishaaniin yommuu liqimfametti badeera.+
-