LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 25:6-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Haa taʼu malee yeruma sana, utuma isaan balbala dunkaana walgaʼii duratti booʼaa jiranii, Israaʼelota keessaa namichi tokko Musee fi guutummaan yaaʼii Israaʼel utuma isa ilaalanii dubartii biyya Miidiyaan takka gara obboloota isaatti fidee dhufe.+ 7 Ilma Aaron lubichaa, ilma Eleʼazaar kan taʼe Finahaas+ kana yommuu argu, yeruma sana yaaʼii sana gidduudhaa kaʼee eeboo tokko ni fudhate. 8 Achiis namicha Israaʼel sana duukaa buʼee gara dunkaanichaatti seenuudhaan lamaan isaanii iyyuu ni waraane; namicha Israaʼel sana ni waraane; dubartittiis waraanee garaa* ishii keessa baase. Yeroo kanatti dhaʼichi Israaʼelota rukutaa ture sun ni dhaabbate.+

  • 1 Saamuʼel 15:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Yeroo kanatti Saamuʼel akkana isaan jedhe: “Yihowaan hamma dubbii Yihowaatiif ajajamuutti gammadu, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan kan biraatti ni gammadaa?+ Ilaa, ajajamuun aarsaa irra,+ xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuunis cooma+ korbeessa hoolaa irra ni caala; 23 sababiin isaas, ajajamuu diduun+ hooda dubbachuu,+ of tuuluunis mora raawwachuu fi waaqolii tolfamoo* waaqeffachuu wajjin tokko dha. Dubbii Yihowaa waan tuffatteef,+ innis ati mootii akka hin taane si tuffateera.”+

  • Efesoon 5:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 hojiiwwan dukkanaa firii hin qabne irratti hirmaachuu dhiisaa;+ kanaa mannaa isaan saaxilaa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi