-
2 Mootota 5:20-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Gehaaz+ tajaajilaan Eelsaaʼi isa nama Waaqa dhugaa+ taʼe sanaa, ‘Kunoo, gooftaan koo wanta Naʼamaan+ inni nama Sooriyaa taʼe kun fide utuu isa irraa hin fudhatin isa gadhiiseera. Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, fiigee isa duukaa buʼee wanta tokko isa irraa nan fudhadha’ jedhee yaade. 21 Kanaafuu, Gehaaz Naʼamaan duukaa buʼe. Naʼamaanis namni tokko isa duubaan fiigaa akka jiru yommuu argu isa simachuuf gaarii fardaa isaa irraa buʼee, “Wanti hundi nagaa dhaa?” isaan jedhe. 22 Innis deebisee, “Wanti hundi nagaa dha. Gooftaan koo akkana jedhee na ergeera: ‘Kunoo, dargaggoonni ilmaan raajotaa taʼan lama biyya naannoo gaarotaa Efreem irraa amma gara koo dhufaniiru. Maaloo, meetii taalaantii tokkoo fi uffata guutuu lama isaaniif kenni’”+ isaan jedhe.
-