-
2 Seenaa Baraa 36:11-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Zedeeqiyaan+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 21 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche.+ 12 Inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. Ermiyaas raajicha isa ajaja Yihowaatiin dubbate sana durattis gad of hin qabne.+ 13 Kana malees, inni Nebukadnezaar Mooticha isa maqaa Waaqayyootiin isa kakachiisee ture irratti fincila kaase;+ didaa* fi mata jabeessa taʼuu isaa itti fufe; gara Yihowaa Waaqa Israaʼelitti deebiʼuus ni dide.
-