-
2 Mootota 24:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Zedeeqiyaan yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 21 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal yeroo taʼu,+ ishiin intala Ermiyaas isa nama biyya Libnaa taʼe sanaa turte. 19 Inni akkuma Yehoyaaqiim godhe hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 20 Wantoonni kun Yerusaalemii fi Yihudaa irra kan gaʼan dheekkamsa Yihowaatiin kan kaʼe ture; hamma inni of duraa isaan gatuttis wantoonni kun isaan irra ni gaʼan.+ Zedeeqiyaanis mootii Baabilon irratti fincila kaase.+
-
-
Ermiyaas 52:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
52 Zedeeqiyaan+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 21 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal+ yeroo taʼu, ishiin intala Ermiyaas isa nama biyya Libnaa taʼe sanaa turte. 2 Inni akkuma Yehoyaaqiim godhe hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+ 3 Wantoonni kun Yerusaalemii fi Yihudaa irra kan gaʼan dheekkamsa Yihowaatiin kan kaʼe ture; hamma inni of duraa isaan gatuttis wantoonni kun isaan irra ni gaʼan.+ Zedeeqiyaanis mootii Baabilon irratti fincila kaase.+
-