-
2 Mootota 23:36, 37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
36 Yehoyaaqiim+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Zabiidaa yeroo taʼu, ishiin intala Pedaayaa isa nama biyya Rumaa taʼee turte. 37 Inni akkuma abbootiin isaa godhan+ hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+
-
-
Ermiyaas 24:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “‘Haa taʼu malee, firiiwwan harbuu mancaʼan, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼes nyaatamuu hin dandeenye+ sana ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: “Ani Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaa, bulchitoota isaa, namoota Yerusaalem warra biyya kana keessatti hafanii fi warra biyya Gibxii keessa jiraatan akkuma kanaatti nan ilaala.+
-
-
Ermiyaas 37:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Zedeeqiyaan+ Mootichi ilmi Yosiyaas bakka Kooniyaa*+ ilma Yehoyaaqiim bulchuu jalqabe; sababiin isaas, Nebukadnezaar* mootiin Baabilon biyya Yihudaa keessatti mootii isa godhee ture.+ 2 Haa taʼu malee, innis taʼe tajaajiltoonni isaa fi namoonni biyyattii dubbii Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa dubbate hin dhageenye.
-
-
Ermiyaas 38:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Zedeeqiyaan Mootichis, “Kunoo, inni harka keessan keessa jira; ani mootichi isin dhowwuuf homaa gochuu hin dandaʼu” jedhee deebise.
6 Kanaafuu, isaan Ermiyaasiin qabanii boolla bishaanii Maalkiyaa ilma mootichaa isa Mooraa Eegdotaatti+ argamu keessa buusan. Wadaroodhaan gad isa ni buusan. Boolli bishaanii sun dhoqqee qofa malee bishaan hin qabu ture; Ermiyaasis dhoqqee sana keessa gad lixuu jalqabe.
-