-
Ermiyaas 24:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “‘Haa taʼu malee, firiiwwan harbuu mancaʼan, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼes nyaatamuu hin dandeenye+ sana ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: “Ani Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaa, bulchitoota isaa, namoota Yerusaalem warra biyya kana keessatti hafanii fi warra biyya Gibxii keessa jiraatan akkuma kanaatti nan ilaala.+
-
-
Ermiyaas 52:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
52 Zedeeqiyaan+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 21 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal+ yeroo taʼu, ishiin intala Ermiyaas isa nama biyya Libnaa taʼe sanaa turte. 2 Inni akkuma Yehoyaaqiim godhe hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+
-
-
Hisqiʼel 17:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 “‘Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, miidhaa kakaa koo tuffachuu isaa fi kakuu koo cabsuu isaatiin kan kaʼe dhufu mataa isaa irratti nan fida.+
-