LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 36:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Zedeeqiyaan+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 21 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Kana malees, inni Nebukadnezaar Mooticha isa maqaa Waaqayyootiin isa kakachiisee ture irratti fincila kaase;+ didaa* fi mata jabeessa taʼuu isaa itti fufe; gara Yihowaa Waaqa Israaʼelitti deebiʼuus ni dide.

  • Ermiyaas 24:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “‘Haa taʼu malee, firiiwwan harbuu mancaʼan, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼes nyaatamuu hin dandeenye+ sana ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: “Ani Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaa, bulchitoota isaa, namoota Yerusaalem warra biyya kana keessatti hafanii fi warra biyya Gibxii keessa jiraatan akkuma kanaatti nan ilaala.+

  • Ermiyaas 52:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 52 Zedeeqiyaan+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 21 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 11f ni bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal+ yeroo taʼu, ishiin intala Ermiyaas isa nama biyya Libnaa taʼe sanaa turte. 2 Inni akkuma Yehoyaaqiim godhe hundumaatti, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+

  • Hisqiʼel 17:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “‘Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, miidhaa kakaa koo tuffachuu isaa fi kakuu koo cabsuu isaatiin kan kaʼe dhufu mataa isaa irratti nan fida.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi