-
Hisqiʼel 17:12-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Maaloo, warra finciltoota taʼan sanaan, ‘Hiika wantoota kanaa hin hubattanii?’ jedhi. Akkana isaaniin jedhi: ‘Kunoo, mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhufee mootii ishii fi bulchitoota ishii fudhatee gara Baabilonitti deebiʼeera.+ 13 Kana malees, inni sanyii mootii keessaa isa tokko erga fudhatee+ booda isaa wajjin kakuu gale, akkasumas isa kaksiise.+ Achiis namoota biyyattii warra beekamoo taʼan fudhate;+ 14 kanas kan godhe mootummichi akka kufu, kaʼuus akka hin dandeenyeef ture; mootummichi itti fufuu kan dandaʼu sabichi kakuu sana yoo eege qofa ture.+ 15 Dhuma irratti garuu mootichi fardeenii fi raayyaa waraanaa guddaa isaan irraa argachuuf+ ergamtoota isaa gara Gibxiitti+ erguudhaan isa irratti ni fincile.+ Isaaf ni milkaaʼaa? Inni wantoota kana raawwate adaba jalaa ni miliqaa? Inni kakuu kana cabsee miliquu ni dandaʼaa?’+
-