LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 24:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yehoyaakiin mootiin Yihudaa haadha isaa, tajaajiltoota isaa, bulchitoota isaa fi abbootii taayitaa mana mootummaa+ isaa wajjin gara mootii Baabilonitti+ baʼe; mootiin Baabilonis Yehoyaakiin mootii taʼee waggaa saddeettaffaa isaatti boojiʼee isa fudhate.+

  • 2 Mootota 24:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Inni namoota Yerusaalem hundumaa, bulchitoota hundumaa,+ loltoota jajjaboo taʼan hundumaa, akkasumas nama ogummaa harkaa fi ogummaa sibiilaa qabu* hundumaa,+ walumaa galatti namoota 10,000 boojiʼee fudhate. Namoota biyyattii warra hiyyeeyyii taʼaniin alatti eenyu illee achitti hin hafne.+

  • Isaayyaas 39:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 ‘Ilmaan kee warra ati dhalchitu keessaa tokko tokkos ni fudhatamu; mana mootummaa mootii Baabilon keessattis abbootii taayitaa ni taʼu.’”+

  • Ermiyaas 22:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “Yihowaan akkana jedha: ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ati Kooniyaan*+ ilmi Yehoyaaqiim+ inni mootii Yihudaa taate qubeellaa chaaphaa harka mirgaa koo irra jiru yoo taate illee, ani harkisee achii sin baasa! 25 Ani harka warra lubbuu kee balleessuu barbaadaniitti,* harka warra ati sodaattu sanaatti, harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonittii fi harka Kaladootaatti dabarsee sin kenna.+

  • Ermiyaas 52:31, 32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Achiis Yehoyaakiin+ mootiin Yihudaa boojiʼamee waggaa 37ffaatti, jiʼa 12ffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 25ffaatti, Eewil Merodaak mootiin Baabilon waggaa mootii itti taʼetti Yehoyaakiin isa mootii Yihudaa taʼe mana hidhaatii ni gadhiise.*+ 32 Innis gaarummaadhaan isatti dubbate; teessoo isaas teessoowwan mootota warra isaa wajjin Baabilon keessa turan kaan irra ol ni godhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi