LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 24:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yehoyaakiin mootiin Yihudaa haadha isaa, tajaajiltoota isaa, bulchitoota isaa fi abbootii taayitaa mana mootummaa+ isaa wajjin gara mootii Baabilonitti+ baʼe; mootiin Baabilonis Yehoyaakiin mootii taʼee waggaa saddeettaffaa isaatti boojiʼee isa fudhate.+

  • 2 Mootota 24:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Akka kanaan inni Yehoyaakiiniin+ boojiʼee gara Baabilonitti geesse;+ kana malees haadha mootichaa, haadhotii manaa mootichaa, abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi namoota guguddaa biyyattii Yerusaalem keessaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse.

  • 2 Seenaa Baraa 36:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yehoyaakiin+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 18 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi guyyaa kudhaniif ni bulche; wanta Yihowaa duratti hamaa taʼes ni raawwate.+ 10 Jalqaba waggichaatti* Nebukadnezaar Mootichi isa, akkasumas wantoota mana Yihowaa keessa jiranii fi gatii guddaa qaban+ gara Baabilonitti akka fidaniif namoota isaa ni erge.+ Obboleessa abbaa isaa Zedeeqiyaa immoo Yihudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe.+

  • Ermiyaas 24:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Nebukadnezaar* mootiin Baabilon, Yikooniyaa*+ ilma Yehoyaaqiim+ mootii Yihudaa, bulchitoota Yihudaa, ogeeyyii harkaa fi warra hojii sibiilaa hojjetanii* wajjin boojiʼee Yerusaalem irraa gara Baabilonitti+ erga fudhatee booda, Yihowaan guuboowwan firii harbuu qabatanii fi mana qulqullummaa Yihowaa dura kaaʼaman lama natti argisiise.

  • Ermiyaas 29:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Xalayaan Ermiyaas raajichi Yerusaalem irraa gara jaarsolii uummata boojiʼame gidduutti argamaniitti, gara lubootaatti, gara raajotaattii fi gara namoota Nebukadnezaar Yerusaalem irraa gara Baabilonitti boojuudhaan fudhate hundumaatti erge akkana jedha; 2 kunis kan taʼe, Yikooniyaan+ Mootichi, haati mootichaa,*+ abbootiin taayitaa mana mootummaa, bulchitoonni Yihudaa fi Yerusaalem, ogeeyyiin harkaa fi warri hojii sibiilaa hojjetan* Yerusaalem keessaa erga baʼanii booda ture.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi