-
1 Ximotewos 5:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko waggaa 60 ol yoo taatee fi haadha manaa abbaa manaa tokkoo qofa kan turte yoo taate galmee irratti haa galmeeffamtu; 10 ishiin ijoollee guddisuudhaan,+ keessummoota simachuudhaan,+ miila qulqullootaa dhiquudhaan,+ warra rakkatan gargaaruudhaan,+ akkasumas gochawwan gaggaarii hundumaatiif of kennuudhaan, hojii gaarii hojjechuu irratti maqaa gaarii kan qabdu+ taʼuu qabdi.
-
-
Tiitoo 2:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Haaluma wal fakkaatuun, dubartoonni maanguddoon amala Waaqayyoof ulfina fidu kan qaban, maqaa namaa kan hin balleessine, daadhii wayinii hedduudhaaf garboota kan hin taanee fi wanta gaarii kan barsiisan haa taʼan; 4 kana yoo godhan, dubartoonni umurii dargaggummaa irra jiran abbootii manaa isaanii fi ijoollee isaanii akka jaallatan gorsuu,* 5 akkasumas sirriitti kan yaadan akka taʼan, qulqullummaadhaan akka jiraatan, mana keessatti akka hojjetan,* gaarii akka taʼanii fi abbootii manaa isaaniitiif akka bitaman+ gorsuu dandaʼu; kunis dubbiin Waaqayyoo akka hin arrabsamne godha.
-