LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 12:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Atis taate ilmi kee, intalli tee, garbichi kee, garbittiin tee, akkasumas Leewwonni magaalota* kee keessa jiraatan bakka Waaqni kee Yihowaan filatutti Waaqa kee Yihowaa duratti wantoota kana ni nyaattu;+ atis wanta hojjettu hundumaatti Waaqa kee Yihowaa duratti ni gammadda.

  • Lallaba 3:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Kun badhaasa* isaa waan taʼeef, nama tokkoof wanti hojii isaa irraa gammachuu argachuu+ irra isaaf caalu tokko illee akka hin jirre nan arge; maarree, inni erga duʼee booda wanta raawwatamu akka argu gochuu kan dandaʼu eenyu?+

  • Lallaba 8:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Namni tokko nyaachuu, dhuguu fi gammaduu caalaa aduu jalatti wanti isaaf gaarii taʼe waan hin jirreef, ani gammachuu argachuu nan jajjabeesse;+ inni bara jireenyaa isaa isa Waaqni dhugaan aduu jalatti isaaf kennetti yeroo jabaatee hojjetutti gammachuu argachuu qaba.+

  • Hojii Ergamootaa 14:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 taʼus wanta gaarii gochuudhaan, jechuunis samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban isiniif kennuudhaan,+ akkasumas nyaata akka quuftanii fi garaan keessan gammachuudhaan akka guutamu gochuudhaan+ waaʼee ofii isaa dhugaa baʼeera.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi