- 
	                        
            
            Lallaba 3:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
12 Gammaduu fi bara jireenyaa isaaniitti wanta gaarii gochuu+ caalaa wanti isaaniif gaarii taʼe tokko illee akka hin jirre nan hubadhe; 13 kana malees, namni hundi nyaachuu, dhuguu fi hojii isaa isa jabaatee hojjete hundumaatti gammachuu argachuu caalaa wanti isaaf gaarii taʼe hin jiru. Kun kennaa Waaqayyoo ti.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Lallaba 5:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
18 Wanti ani gaarii fi sirrii akka taʼe arge kana dha: kun badhaasa* isaa waan taʼeef, namni tokko umurii gabaabaa Waaqni dhugaan isaaf kennetti nyaachuu fi dhuguu, akkasumas hojii jabaatee hojjechuudhaan aduu jalatti itti dadhabe hundumaa irraa gammachuu argachuu qaba.+ 19 Kana malees, Waaqni dhugaan nama tokkoof badhaadhinaa fi qabeenya,+ akka isaanitti gammaduufis dandeettii yommuu kennu, namni sun badhaasa* isaa fudhachuu fi hojii isaa isa jabaatee hojjetetti gammaduu qaba. Kun kennaa Waaqayyoo ti.+
 
 -