-
Daaniʼel 5:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 “Haa taʼu malee, ati ilmi isaa Belshaazaar kana hundumaa kan beektu taʼus, gad of hin qabne. 23 Kanaa mannaa, Gooftaa samii irratti ol of qabde;+ miʼawwan mana isaa akka siif fidanis ni goote.+ Achiis ati, guguddoonni kee, saajjatoonni kee fi haadhotiin manaa kee warri kaan daadhii wayinii ittiin dhugdanii waaqolii meetii, warqii, sibiila diimaa, sibiila, mukaa fi dhagaa irraa tolfaman warra homaa hin argine, hin dhageenyee fi hin beekne jajattan.+ Waaqa isa hafuurri kee fi daandiiwwan kee hundi harka isaa keessa jiruuf garuu ulfina hin kennine.+
-