-
Hisqiʼel 21:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Sababiin isaas, mootiin Baabilon bakka daandichi itti hiramu, jechuunis bakka daandiiwwan lamaan addaan itti baʼan irratti falfala raawwachuuf ni dhaabbata. Xiyyawwan sana ni sochoosa. Waaqolii tolfamoo isaa* ni mariisisa; tiruus ni qora.
-
-
Daaniʼel 5:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Mootichi warra hooda dubbatan, Kaladootaa* fi warra urjii lakkaaʼan akka waaman sagalee guddaadhaan ajaja kenne.+ Mootichi namoota ogeeyyii Baabilon keessa jiraniin, “Namni barreeffama kana dubbisee hiika isaa natti himu kam iyyuu uffanni bifa dhiilgee isatti ni uwwifama, amartiin mormaa warqii irraa tolfame morma isaatti ni kaaʼama,+ mootummaa koo keessattis bulchaa sadaffaa ni taʼa”+ jedhe.
-
-
Mulʼata 18:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Ifni ibsaa matumaa lammata si keessatti hin ifu; sagaleen misirrichaa fi sagaleen misirrittii matumaa lammata si keessatti hin dhagaʼamu; sababiin isaas, daldaltoonni kee namoota lafa irratti iddoo guddaa qaban turan, gocha hafuurota hamoo ati raawwatteenis+ saboonni hundi dogoggoraniiru.
-