LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 18:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 14ffaa isaatti, Senaaheriib mootiin Asoor+ gara magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa dhufee isaan qabate.+ 14 Kanaafuu, Hisqiyaas mootiin Yihudaa, “Ani balleesseera. Ana irraa deebiʼi; wanta ati na gaafatte hunda siifan kenna” jedhee gara mootii Asoor isa Laakiishitti argamutti dhaamsa erge. Mootiin Asooris adaba meetii taalaantii* 300 fi warqii taalaantii 30 akka kaffalu Hisqiyaas mootii Yihudaatti murteesse.

  • Isaayyaas 8:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Kunoo, Yihowaan

      Bishaanota Lagichaa* warra jajjaboo fi babalʼoo taʼan,

      Mootii Asoorii+ fi ulfina isaa hundumaa isaanitti ni fida.

      Inni yaaʼaawwan bishaanii isaa hundumaa guutee

      Qarqara isaa hundumaa irra ni dhangalaʼa;

       8 Yihudaas ni liqimsa.

      Inni lolaʼee keessa ni darba, hamma mormaattis ni gaʼa;+

      Yaa Amaanuʼel,*+

      Qoochoowwan isaa warri diriirfamanis guutummaa lafa keetii ni uwwisu!”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi