LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 30:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Waaqni kee Yihowaan wantoota si jalaa boojiʼaman siif deebisa,+ gara laafina sitti argisiisa,+ akkasumas saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneesse hundumaa keessaa deebisee walitti si qaba.+

  • Faarfannaa 30:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Sababiin isaas, dheekkamsi isaa yeroo muraasaaf qofa tura,+

      Gaarummaan* isaa garuu bara baraaf tura.+

      Galgala booʼichi dhufuu dandaʼa, ganama garuu ililchatu jira.+

  • Isaayyaas 54:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 “Ani yeroo xinnoodhaaf si dhiiseera,

      Taʼus, gara laafina guddaadhaan deebisee walitti sin qaba.+

  • Isaayyaas 57:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Inni cubbamaa taʼuu isaatiin buʼaa sirrii hin taane argachuuf yaalii gochuu isaatti nan aare,+

      Kanaafuu, isa nan rukute, fuula koo nan dhokse, nan dheekkames.

      Inni garuu daandii garaa isaa hordofuudhaan gantuu taʼuu isaa itti fufe.+

      18 Ani daandiiwwan isaa argeera,

      Garuu isa nan fayyisa,+ isa nan geggeessa,+

      Isaa fi namoota isaa warra gaddanis deebisee nan jajjabeessa.”*+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi